Vaayirasoota qaamota hargansuu mul’achaa jiran, COVID-19 dabalatee: maloota argannoo, ittisaa, deebii fi to’annoo

Koroonaavaayirasiin maatii vaayirasii guddaa utaalloo hanga dhibee baha giddu-galeessaa qaamota hargansuu (MERS) fi dhibee hamaa ariifachiisaa qaamota hargansuu (SARS) dhaaf sababa ta’uun isaanii beekamaa dha.

Noovel koroonaa vaayirasiin (COVID-19) bara 2019 Wuhaan, Chaayinaa keessatti adda baafame. Inni kun koroonaa vaayirasii haaraa yeroo darbe nama keessatti mul’atee hin beekne dha.

Barnoonni kun kan dhiheessu seensa walii galaa COVID-19 fi vaayirasoota qaamota hargansuu mul’achaa jiran irratti fi ogeessota fayyaa hawaasaaf kan yaadame dha, geggeessitoota mudannoo, humna namaa Biyyoota Gamtaawanii (UN), dhaabbileewwan idil-addunyaa fi NGO wwaniif.

Maqaan beekamaan dhukkubaa argannoo meeshaa booda waan mogga'uuf, ibsi nCoV jedhu kamiyyuu dhukkuba koronaavaayiresii reefu kana argameen dhufu, COVİD-19n kan eerudha.

Self-paced
Language: Afaan Oromoo
COVID-19

Course information

Barnootni kun afaanota armaan gadiinis ni argama:

English - français - Español - 中文 - Português - العربية - Русский - Türkçe - српски језик - فارسی - हिन्दी, हिंदी - македонски јазик - Tiếng Việt - Indian sign language - magyar - Bahasa Indonesia - বাংলা - اردو - Kiswahili - አማርኛ - ଓଡିଆ - Hausa - Tetun - Deutsch - Èdè Yorùbá - Asụsụ Igbo - ਪੰਜਾਬੀ - isiZulu - Soomaaliga - دری - Kurdî - پښتو - मराठी - Fulfulde - සිංහල - Latviešu valoda - తెలుగు - Esperanto - ภาษาไทย - chiShona - Kreyòl ayisyen -Казақ тілі - தமிழ் - Ελληνικά

Ibsa Irra-keessaa: Koorsiin kun noovel koronaavaayiresii dabalatee vaayiresoota sirna hangansuu mullaa jiran irratti seense waliigalaa kan kennudha. Dhuma koorsii kanaarratti, kan ibsuu danda'uun sirraa eegamu:

  • Uumama vaayiresoota sirna hargansuu mullachaa jiranii, akkamitti weerara akka adda baasanii fi galmeessan, tarsiimoowwan weerara vaayiresoota sirna hargansuu noovelii ittiin ittisan fi to'atan;
  • Miidhaasaa bira ga’uuf fi balaa noovel vaayiresoota sirna hargansuuf deebii kennuuf, adda baasuu fi ittisuu keessatti hawaasa hirmaachisuuf tarsiimoowwaan akkamiitu fayyadamamuu qaba.

Mata-duree kana gadi fageenyaan ilaaluuf akka si gargaaruuf meeshaaleen deeggarsaa tokkoon tokkoo moojulaatti hidhamanii jiru.

Kaayyoo Barnootichaa: Qajeelfamoota bu'uuraa vaayiresoota sirna hargansuu mullachaa jiranii fi weeraraaf akkamitti si'aanaan deebii akka kennan ibsuu.

Turtii Koorsichaa: Tilmaamaan sa’aatiiwwan 3.

Waraqaawwan Ragaa: Yeroo kanatti waraqaan ragaa argamu hin jiru. Hirmaattonni Galmee Ga’umsaa fudhattani koorsii kanaaf Baajii Banaa buufachuu ni dandeessu. Caalmaatti hubachuuf as irratticuqaasi.

Maqaan beekamaan dhukkubaa argannoo meeshaa booda waan mogga'uuf, ibsi nCoV jedhu kamiyyuu dhukkuba koronaavaayiresii reefu kana argameen dhufu, COVİD-19n kan eerudha.

Gara itti hiikame Oromo gara Emerging respiratory viruses, including COVID-19: methods for detection, prevention, response and control, 2020. WHO’n qabiyyee yookiin sirrii ta’uu turjumaanaatiif itti hin gaafatamu. Gocha walsimachuu dhabuu Ingilifaa fi turjumaana Oromo giddu jiru kaamiyyuu keessa jiruuf, hojiin bu’uuraa Ingliliffaa dirqisisaa fi sirrii ta’a. Turjumaanni kun WHO’ dhaan hin mirkanaa’u. Qabeenyi barreeffame kun gargaarsa kaayyoo barnootaa qofaaf oola.

Course contents

  • Moojula 1: Seensa vaayiresoota sirna hargansuu mullachaa jiranii, COVID-19 dabalatee:

    Kaayyoo waliigalaa barnootichaa: COVID-19 dabalatee vaayiresootni sirna hargansuu mullachaa jiran, maaliif fayyaa namaatiif yaaddoo addunyaa akka ta’an ibsuu danda’uuf
  • Moojula 2: COVID-19 dabalatee vaayiresoota sirna hargansuu mullachaa jiran adda baasuu: Qorannoo Laaboraatoorii fi Hordoffii:

    Kaayyoo waliigalaa barnootichaa: Akkamitti weerara vaayiresii sirna hargansuu mullachaa jiruu akka adda baasanii fi galmeessan ibsuuf
  • Moojula 3: Qorannoowwan Laaboraatoorii:

    Dhuma boqonnaa kanaarratti, hirmaattonni kanis ibsuu danda’uu malan: Gosoota fuudhinsa saamudaa barbaachisan, Gosoota qorannoowwan laaboraatoorii dhimmoota mirkaneessuuf fayyadan.
  • Moojula 4: Waljijjiirraa Odeeffannoo Miidhaa Qaqqaabee fi Hirmaannaa Hawaasaa:

    Kaayyoo waliigalaa barnootichaa: Odeeffannoo miidhaa qaqqabee waljijjiiruu fi COVID-19 adda baasuu, ittisuu fi deebii kennuufiif hawaasa hirmaachisuu keessatti tarsiimoowwan fayyadamaman ibsuuf
  • Moojula 5: Hirmaannaa Hawaasaa:

    Xumura boqonnaa kanaatti, hirmaattonni kan gochuu qaban: Yeroo weeraraa deebistoonni maaliif hawaasa hirmaachisuu akka qaban yoo xiqqaate sababoota sadi ibsi, Dhiibbaalee hirmaannaa hawaasaa (CE) keessatti muudatan tarreessaa akkasumas, Tooftaalee bu’a qabeessummaa CE’n weerara adda baasuu, ittisuu fi deebii kennuu keessatti qabu ibsi.
  • Moojula 6: Ittisaa fi kenniinsa deebii vaayiresii sirna hargansuu mullachaa jiruu, COVID-19 dabalatee:

    Kaayyoo waliigalaa barnootichaa: Tarsiimoowwan vaayrasii koroonaa dabalatee, lubbu-qabeeyyii sirna hargansuu miidhan mullachaa jiran ittiin ittisan fi to’atan ibsuuf

Enroll me for this course

The course is free. Just register for an account on OpenWHO and take the course!
Enroll me now

Certificate Requirements

  • Gain a Record of Achievement by earning at least 80% of the maximum number of points from all graded assignments.